Kutaa 1ffaa
Nuti namoonni baay'een keenya sagalee Waaqayyoo luga namaatin daangessuu barbaanna. Garuu sagaleen Waaqaa afaan namaatiin kan daanga'u miti. Kunis afaan kamuu dubbadhu, luga kamuu fayyadami sagalee Waaqayyoo irratti dhiibbaa hin qabu. Afaan nuti lafa irratti dubbannu/ haasofnu kun afaan lubbuutii miti. Garuu lubbuun keenya hamma foon faana jirtuttii fi yoo du'aa kaane afaan lafa kanaatiin ala taati; jechuun wanti ishee daangessu hin jiru jechuudha.Hanga foon waliin jirtutti garuu afaan foon keenya dubbatu qofa dhageessi. Kanaaf gooftaan keenya yoo Afuura Qulqulluu duuka bu'oota isaaf ergutti lugni/qooqni 72 kan isaaniif ibsameef. Osoo lubbuun uummataa ni dhageessi ta'ee hin barbaachisu ture. Kana irra kan ka'e duuka bu'oonni gooftaa rakkinni lugaa ummata irraayis ta'ee mataa isaanirrayis isaan hin qunnamne. Hundumtuu afaan isaaniitiin dhagahaa turan waan ta'eef duuka bu'oonnis afaan uummataatiin barsiisaa turan. Kanaafuu duuka bu'aan tokko afaan uummataatiin barsiisa malee afaan ofiitiin barsiisuun seeraa miti. Sababni isaatis jijjiirama hin fidu waan ta'eef. Seenaa mana kiristaanaa keenya keessattis qulqulloonni saglan gara lafa biyya Itoophiyaa yoo dhufan dursanii afaan mana mootii kana ture afaan Gi'iizii erga baratanii booda gara tajaajilaa kan galaniif. Nuti hoo har'a Afaan Waaqeessaa jirramoo Waaqayyoo Gooftaa dhaa?

Itti fufa.... Waaqayyoof galanni haa ta.u
(በአማርኛ በቅርብ ይጠብቁ
)
በቅርብ ጊዜ የጠብቁ
Dhugaa dha! Jecha jabaa ergaa guutuun badhaadhe!
ReplyDelete